Daandiin qilleensichaa Piroojektoota Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’n ijaarsise eebbisiise
Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Piroojektoota Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’n ijaarsise eebbisiise.
Daandiin qilleensichaa kutaalee suphaa xiyyaaraa, maashina xiyyaara halluu dibuufi man-kuusaa tuttuqqaa namaarraa bilisa ta’e eebbisiise.
Sagantaa kanarratti Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaafi Walitti Qabaa Boordii Daandii Qilleensichaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensichaa Masfin Xaasawufi keessummoonni biroon argamaniiru.
Piroojektoonni kunneen dorgomtummaa daandii qilleensichaa kan guddisan ta’uu Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Masfin Xaasawu gamasaaniin, bu’uuraaleen misoomaa kunneen sadarkaa teeknooloojiin ammayyaa irra gahe kan hammatanidha jedhan.
Guddina ariifataa daandii qilleensichaa kan deeggaraniifi galii dabalataa sassaabuuf kan dandeessisan ta’uus ibsaniiru.
Efreem Mitikkuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.