Manni Maree Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa yaa’ii gaggeessuu eegale
Finfinnee, Adoolessa 16, 2017(FMC)- Manni Maree Uummattoota Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 4ffaa Marsaa 6ffaa magaalaa Walqixxeetti gaggeessaa jira.
Yaa’ichaan gabaasa raawwii qaamolee raawwachiistotaa, Mana Murtii Waliigalaa, Mana Hojii Odiitara Olaanaa naannichaa fi dhimmoota biroorratti kan mari’atamu ta’uun eerameera.
Wixineen labsii baajataa bara baajataa 2018 ni raggaasifamaan kan eegamu ta’uu Kominikeeshiniin naannichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.