Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gurgurtaa Konkolaataa moofaa, Mootar Saayikilii fi Sibiila adda addaarraa birrii miiliyoona 100 fi miliyoona 62 ol walitti qabe

Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti gurgurtaa konkolaattota dullooman, mootar saayikilii fi sibiilota ciccitaa irraa birrii Miiliyoona 100 fi miliyoona 62 Ol walitti qabameera.

Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Itti aanaan Daarektara Olaanaa fi Itti Gaafatamaan Damee Bulchiinsa Qabeenyaa obbo Yilmaa Wayyeessaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, bara bajataa 2017tti konkolaattota adda addaa fi mootar saayikiliin dhaabbilee mootummaa fi dhaabbilee misoomaa naannichaa adda addaa 132 keessatti tajaajila hin kennine adda baafamanii teeknikaan sakatta’amaniiru.

Konkolaattonni, mootar saayikilii fi sibiilotni ciccitaan tajaajilaan ala ta’an adda baafamanii caalbaasii banaatiin akka gurguraman himaniiru.

Gurgurtaa kanaan Birrii miiliyoonni 100 fi miliyoonni 62 Ol gara kaazinaa mootummaa naannichaa fi dhaabbilee misoomaatti dabarfamee jira jedhan

Akkaataa qajeelfama bulchiinsa qabeenyaa naannichaatin qabeenyi waajjira mootummaa gurgurame keessaa dhibbeentaan 50 gara kaazinaa naannichaatti akka galu eeraniiru.

Dhibbeentaan 50 kan hafe waajjiraalee qabeenya kana bulchaa turanitti akka darbu ibsaniiru.

Haa ta’u malee dhaabbilee misooma mootummaa galii mataa isaaniitiin hoogganaman ilaalchisee galii gurgurtaa irraa argamu keessaa dhibbeentaan 100 gara dhaabbilee ofii isaaniitti kan darbu ta’uu ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.