Sennessa waloo ijaruuf miidiyaalen qindoomanii hojjechuun murteessaa dha – Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC)- Seenessa waloo ijaaruuf miidiyaaleen qindoomanii hojjechuun ga’ee guddaa taphata jedhan Waajjira Muummee Badhaadhinaatti, Ministirri Ittigaafatamaan Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa.
Dameen Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa hoggantootaa fi ogeeyyii hariiroo uummataa dhaabbilee federaalaa wajjin mar’ataa jira.
Dooktar Biqilaa Hurrisaa wayituma kana akka jedhanitti, seenessa qeentee naannawaa fi qoqqoodaa balleessuuf qindoomanii hojjechuun barbaachisaa dha.
Itiyoophiyaatti nagaa fi seenessa waloo waaraan baballisuuf miidiyaaleen hojjechuu, waan hojjetan irra deddeebiin dubbachuu fi karaalee adda addaa odeeffannoo biyyaalessaa sirrii tamsaasuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Miidiyaalee biyya keessas ta’e biyya alaa taa’anii biyya diiguuf odeeffannoowwan dogoggoraa tamsaasanis hordofamaa akka jiran eeraniiru.
Zuufaan Kaasaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.