Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Bashaashaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarame eebbisiisan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Bashaashaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarame eebbisiisaniiru.

Manni Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Bashaashaa bifa ammayyaan ijaaramuun dorgomtummaa dhalootaa dabala jedhan, jiraattonni Magaalaa Bashaashaa.

Manneen Barnootaa Waajjirri Giifti-duree Naannoolee biyyattii hundatti ijaarsisaa jiru keessaa kan Magaalaa Bashaashaatti eebbifame kun isa 35ffaa ta’uutu ibsame

Manni Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Bashaashaa Waajjirri Giifti Duree ijaarsise kun bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaafi Giiftii Dureen Zinnaash Taayyaachoon argamanitti eebbifameera.

Mana Barnootaa Waajjirri Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo Naannoolee biyyattii hundatti ijaarsisaa jiru keessaa kan Magaalaa Bashaashaa eebbifame kun 35ffaa ta’uutu ibsame.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.