Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiytoophiyaa waloon misoomsuuf ga’ee guddaa qaba – Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee, Adoolessa 24, 2017(FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa waloon moisoomsuu fi biyya ijaaruuf gumaacha guddaa qaba jedhan Ministirri Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee.
Ministirichi sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo magaalaa Shaggaritti eegalchiisuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Yerooma kana dubbii dubbataniin sagantyaan ashaaraa magariisaa rakkoo jijjiirama qilleensaa akka addunyaatti mudachaa jiru dandamchuuf hojii hojjetamu ta’uu yaadachiisanii, Itiyoophiyaanonni hundi ashaaraa isaanii akka kaa’an dhaamsa dabarsaniiru.
Yaada “Dhaabuun Bayyaannachuu” jedhuun sagantaan Dhaabbii Guyyaa Tokkoon biqiloota Miliyoona 700 dhaabuu guutuu biyyattiitti geggeeffamaa jira.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna