Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraan Magariisaa hawwattummaa tuurizimii kan guddisudha- Salaamaawiit Kaasaa

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaan Ashaaraan Magariisaa hawwattummaa tuurizimii kan guddisudha jedhan.

Salaamaawiit Kaasaan duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabbuu Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti gaggeeffamaa jirurratti ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Hojiin sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojjetamaa jiru dandeettii hawwattummaa tuurizimii kan guddisu ta’uu ibsan.

Ashaaraan Magariisaa inisheetiiviiwwan jijjiiramaan asitti eegalamaniifi dhaloota egereef darban keessaa tokko ta’uu eeran.

Bakkeewwan bosonni irraa manca’e deebisee kan misoomsu; iddoowwan hawwata tuurizimiis miidhagina kan gonfachiisu waan ta’eef misooma damee tuurizimiif shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Taammiraat Dalaliitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.