Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf gahee olaanaa qaba- Obbo Araggaa Kabbadaa
Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) -Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaan Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf gahee olaanaa qaba jedhan.
Naannichatti duulli guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, obbo Araggaa Kabbadaan Magaalaa Kombolchaatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Obbo Araggaa Kabbadaan saganticharratti akka jedhanitti, naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan dandeettii diinagdee cimsuu danda’an dhaabamaa jiru.
Biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabamanis oomisha kennuun wabii nyaataa mirkaneessuu dabalataan guddina diinagdee naannichaa keessatti shoora olaanaa bahachaa akka jiran ibsaniiru.
Naannichi hojii misooma diinagdee magariisaa cimsuuf akka biyyaatti eegalame cimsuu keessatti sagantaa ashaaraa magariisaan hirmaannaa olaanaa taasisaa akka jirus eeraniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa rakkoolee sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan mudatan kan ittisu ta’uus hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.