Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Itiyoophiyaa Qulqulluu hubannoo hawaasaa guddisaa jira

Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) – Sosochiin Itiyoophiyaa qulqulluu hubannoo hawaasni eegumsa naannoorratti qabu guddisaa jira jedhe Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa.

Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti sagantaan eegalchiisa Sosochii Itiyoophiyaa Qulqulluu sadarkaa naannoo Magaalaa Asoosaatti gaggeeffameera.

Daayirektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Injiinar Lalisee Nameen, sosochiin kutaalee biyyaattii guutuutti gaggeeffamaa jiru kun jiraattootaaf naannawaa fayya qabeessaa fi mijataa uumuufi jedhan.

Sosochichi sirna balfa dhabamsiisuu ammayyeessuun naannawaan midhagaafi qulqulluun akka uumamuuf kan deeggaruu ta’uu kaasuun, hubannoon hawaasni eegumsa naannoorratti qabu guddachaa dhufuu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuuz Ashaadili Hasan gamasaaniin, sagantichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf naannichatti hojiileen bakkeewwan magariisaa babal’isuu fi akkaataa dhabamsiisa balfaa ammayyeessuuf eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo Federaalaa fi naannoo argamuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.