Komishinichi Ajandaa Diyaaspooraa walitti qabuu eegale On Aug 1, 2025 41 Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) –Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kara onlaayiniin Diyaaspooraa biyyoota Afrikaa garaagaraa jiraatanirraa ajandaa marii walitti qabuu eegaleera. Haaluma kanaan marii onlaayiniin gaggeeffameen lammiileen biyyoota Ijibti, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Bootsiwaanaa fi dhaalatoonni Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa garaagaraa jiraatan hirmaataniiru. Waltajjicharratti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofesar Masfiin Ar’ayaan, Hojiilee komishinichi hanga ammatti hojjatee fi kallattii fulduraarratti ibsa taasisaniiru. Admaasuu Araaggaawutiin. #Oromia #Ethiopia Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf; Teelegiraama t.me/afanoromofana Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna. 41 Share FacebookTwitterTelegramWhatsAppEmailViberPrint