Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Suudee meeshaalee yaalaa birrii miliyoona 60tti shallagamu deggersaan argate

Finfinnee, Adoolessa 26, 2017(FMC) –
Godina Arsiitti Hospitaalli Jalqabaa Suudee meeshaalee yaala fayyaa qarshii miliyoona 60tti shallagamu deeggarsaan argate.

Hospiitaalichi gargaarsa kana kan argate dhaabbilee tola ooltota adda addaa irraati.

Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Arsii Obbo Sulxaan Hamdiinoo deeggarsi kenname hawaasni keenya rakkoo fayyaatiif akka hin saaxilamneef gumaacha guddaa kan qabuu dha jedhan.

Dhaabbilee meeshaalee kanneen arjoomanis galateeffataniiru.

Hospitaalli Suudee hawaasa aanaalee torbaaf kenna tajaajilaa qulqullinaa fi si’ataa ta’e kennuuf hojjetaa jiraachuus eeran.

Ittigaafatamtuun Paartii Badhaadhina damee godina Arsii aadde Ra’iisaa Adam godinichatti hawaasa fayyaqabeessa misooma keessatti dammaqinaan hirmaachuun badhaadhinaa maatii mirkaneessuu danda’u horachuuf kenni tajaajila fayyaa saffisa qabu akka jiraatuuf kutannoon hojjatamaa jiraachuu himan.

Hogganaa ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Bokonaa Guutaa gama isaaniin naannichatti hospitaalota 129 keessatti taajajilli fayyaa qulqullinaan akka kennamuuf mootummaan naannichaa hojjechaa jiraachuu kaasuun, deggersi meeshaalee yaalaa kenname kun muuxannoo kan dabarsu ta’uu himan.

Abdallaa Amaantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.