Biyya tasgabbeessuun dhaloota egereetti dabarsuuf gaheen dhaabbilee amantaa olaanaadha- Luba Taagaay Taaddalaa
Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) – Biyya tasgabbeessuun dhaloota egereetti dabarsuuf gaheen dhaabbilee amantaa olaanaadha jedhan Barreessaa Olaanaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaan.
Yaa’iin nageenyaa biyyaalessaa 4ffaan mata duree “ Amantaan nageenyaa, tokkummaafi walkabajaaf” jedhuun magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jira.
Lubni Taagaay Taaddalaan yaa’ii kanarratti akka jedhanitti, duudhaaleen amantaa abbootiin tursiisanii asiin gahan akka hin badneef dhaabbileen amantaa gaheesaanii bahachuu qabu.
Waldhiibuurra walkabajuun waliin jiraachuun akka barbaachisu hubachiisuun, yaa’icharraas yaadni waloo Itiyoophiyaaf furmaata ta’u akka eegamu dhaaman.
Pireezidaantii Itti aantuun Naannoo Hararii Roozaa Umar gamasaaniin, nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu kaasanii, dhaabbileen amantaa hundi nageenya waaraa mirkaneessuufi tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Yeshaambal Mihiratitu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo. www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromo
fanaTiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.