Sirna, Wabii fi Birmadummaa Nyaataa mirkaneessuuf qulqullinaa fi baay’inaan oomishuun barbaachisaadha
Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) – Sirna, Wabii fi Birmadummaa Nyaataa mirkaneessuuf qulqullinaa fi baay’inaan oomishuun barbaachisaadha jedhan Hayyuun Qonnaa fi Gorsaan qorannoo fi misooma qonnaa Dooktar Abarraa Dheeressaan.
Qonnarratti yoo xiyyeeffanne malee dhimmoota kanneen mirkaneessuun hin danda’amu jedhan.
Itiyoophiyaan qabeenya humna namaa,bishaanii, lafaa bal’aa, qilleensaa mijataa qonnaaf oolan qabaachuu eeruun, tarsiimoo fi imaammata qonnaa baafatte qabatamaan hojiirra oolchite taanaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuu akka dandeessu himan.
Sagantaaleen ashaaraa magariisaa, Maaddii Guutuu fi Inisheetiiviiwwan misoomaa adda addaa yeroo ammaa hojiirra oolaa jiran sirna, Wabii fi Birmadummaa nyaataa biyyattii mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbatan Dooktar Abarraan.
Keessattuu qulqullinaa fi baay’inaan oomishuun barbaachisaa ta’uu eeran.
Oomishni qulqullina qabu sirna nyaataa mirkaneessurra darbee diinagdee guddisuu keessattis gumaata olaanaa akka qabu himan.
Hojiin hojjetamu hundi beekumsaa fi Teeknooloojii bu’uura kan godhate yoo ta’e galma yaadame gahuun salphaa ta’uu kaasan.
Qonna ceesisuuf Teeknooloojii fi beekumsaan deeggaramuu caalmaatti cimsuun dirqama ta’a jedhan.
Sirna, Wabii fi Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qonni hangafa ta’uus qindoomina qaamolee hundaa akka gaafatu yaadachiisan.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa sirna nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu eeran.
Kana dhugoomsuuf ammoo hirmaannaa fi qoodni hayyootaa daran murteessaadha jedhan Dooktar Abarraa Dheeressaan Turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin.
Teeknooloojii fi beekumsa mandhalee babal’isuun sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf shoorri isaa olaanaa ta’uu dubbatan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.