Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Iluutti lolaan Laga Awaash….

Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC)- Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Iluu fi Sabbata Awaasitti sababa guutiinsa laga Awaashiin lolaan mudate.

Sababa lolaa kanaan namoonni naannawichaa qe`ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu Buusaa Gonofaa Damee Godinichaa ibseera.

Hawaasa lolaa keessaa baasuuf Buusaa Gonofaan hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Buusaa Gonofaa Damee Godina Shawaa Kibba Lixaa Aadde Galaanee Mul’ataa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Haaluma kanaan Buusaa Gonofaan qooda fudhattoota waliin ta’uun deeggarsa barbaachiisu taasisuun lammiilee kanneen lolaa mudate keessaa baasa jira jedhan.

Namaafi qabeenya Bidiruun geejjibsiisuun bakkeewwan qubataniitti geeffamaa jiraachuu himaniiru.

Lammiilee kanneen bakkeewwan turtii qophaa’eetti geejjibsisuun wantoota barbaachisaan guutuuf qooda fudhattoota Naannoo fi Federaalaa waliin tumsaan hojjetamaa jira jedhan.

Aanaalee kanneen keessatti koreen hundaa’uun hojiiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Hawaasni naannawichaa ummata miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsuun, gaaddisni Buusaa Gonofaas deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Hoggantoonni Hoggansa Sodaa balaa Itiyoophiyaa fi Buusaa Gonofaa Oromiyaas bakkichatti argamuun miidhaa lolichaan qaqqabe daawwachuu Aadde Galaaneen ibsaniiru.

Hawaasni naannawaa yaa’a laga Awaash jirus ofeeggannoo gochuu akka qabu dhaamuun qaamni dhimmichi ilaallatu deeggarsa dabalataa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.