Kooriyaan Kibbaa lammiilee Itiyoophiyaa rakkataniif gargaarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 10 kennite
Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC) – Mootummaan Rippabiliika Kooriyaa Kibbaa gargaarsa namoomaa UNICEF Itiyoophiyaan lammiilee gargaarsa namoomaa barbaadan deggeruuf dhiyeessuuf kan oolu gargaarsa doolaara miiliyoona 10 kenneera.
Bakka bu’aan UNICEF Itiyoophiyaa Dooktar Abubakar Kaampoo deeggarsi kun kan dhufe yeroo dhaabbatichi hojii tola ooltummaa isaaf deeggarsa maallaqaa hatattamaa barbaaduu fi maddoonni faayinaansii idil-addunyaa goggogaa jiranitti ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Rippabiliika Kooriyaa Juungi Kaangi deeggarsi kun fedhii namoomaa guutuuf kutannoo qabnu kan agarsiisudha jedhan.
Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa walitti dhufeenya seenaa fi kabaja irratti hundaa’e kan qaban ta’uu hubachiisuudhaan, ummanni Kooriyaa Kibbaa gumaacha ummanni Itiyoophiyaa yeroo Waraana Kooriyaa godhe yoomiyyuu akka hin daganne dubbataniiru.
Mootummaan isaanii naannoolee Ityoophiyaa saaxilamoo ta’anitti daa’immanii fi dubartootaaf deeggarsa kennuu itti fufa jedhan.
Deeggarsi kun lammiilee naannoo Affaar, Amaaraa, Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz, Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Tigraayitti argaman kuma 300 fi kuma 65 fayyadamoo akka taasisu ibsameera.
Adda durummaan bakeewwan walittibu’iinsi jirutti fi baakkeewwan jijiiramni qilleensaa dhiibbaa geessisanitti walga’iinsa bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuu, tajaajila fayyaa sadarkaa duraa cimsuu, hojii lubbuu baraaruu saffisaa raawwachuu fi gargaarsa namoomaa waliinga’uuf kan oolu ta’a.
Ministeeronni ‘ Fayyaa, Bishaanii fi Inarjii, fi Dhimma Alaa karaa bakka bu’oota isaaniitiin deeggarsa mootummaan Kooriyaa Kibbaa taasiseef beekamtii kennuun milkaa’ina sagantichaaf itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an mirkaneessaniiru.
Maraa’ol Kadirtu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.