Tumsi Itiyoophiyaa fi Chaayinaan qaban waltajiiwwan idil addunyaatti bu’a qabeessa ta’eera- Pireezidaanti Taayyee
Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC)- Tumsi Itiyoophiyaa fi Chaayinaan qaban waltajjiiwwan idil addunyaatti caalmaatti bu’a qabeessa ta’aa dhufeera jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Duulli Sagantaa tola ooltoota wal’aansa Fayyaa Chaayinaa 2025 ergamaa fi Tola ooltummaa idil addunyaa Afrikaa eegaleera.
Pireezidaanti Taayyeen tola ooltoonni Chaayinaa murannoo agarsiisaniif galateeffachuun, saganticharratti daa’immanii fi namoonni deeggarsa wal’aansa fayyaa barbaadan tajaajilicha akka argatan abdii qabaachuu ibsaniiru.
Tola ooltonni turtii isaaniin ce’uumsa beekumsaa fi ogummaaf xiyyeeffannoo akka kennan gaafataniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan daldala qofaan osoo hin taane waltajjiiwwan idil addunyaarratti tumsi qaban caalmaatti bu’a qabeessa ta’aa dhufuus kaasaniiru.
Sagantichan wal’aansa baqaqsanii yaaluu onnee daa’immanii , wal’aansa moora ijaa, Wal’aansa ijaa, wal’aansa baqaqsanii yaaluu gadameessaa fi tajaajiloonni wal’aansaa biroon kennamaa jiru.
Dabalataniis mana baruumsa dhuunfaa tokkoo fi kan Mootummaa tokko keessattis qorannoon ijaa fi onnee kan kennamu yoo ta’u, dubartoota umrii waggaa 18 ol ta’aniif qorannoon kaansarii fiixee gadameessaa kan gaggeeffamu ta’uun ibsamuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.