Boordichi teeknooloojjii ammayyaa hojirra akka oolchuuf deeggarsa seeraa argateera- Aadde Meelatwarqi Hayiluu
Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC)- Boordiin Filannoo biyyaalessaa rakkoolee raawwii fi hiikaa labsirratti mudataa turan furuun akkasumas seeraa raawwii teeknooloojii hojirra oolchuuf deeggarsa seeraa argateera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamuusa filannoo Adoolessa 10, 2017 raggaasisuun ni yaadatama.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelatawarqi Hayiluu turtii Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinii waliin taasisaniin, hanqinaalee duraan labsiirra turan furuuf fooyyeessiin labsii taasifameera jedhan.
Fooyya’iinsi labsii taasifamuun hanqinaalee raawwiifi hojmaata akkasumas hiikaa furuuf murteessaa ta’uu ibsuun, teeknooloojjiwwan idil addunyaa hojirra oolchuuf kan dandeessisudha jedhan.
Dabalatanis hirmaannaa dubartootaa, Qaama miidhamtootaa fi dargaggootaa guddisuuf akkasumas hojjettoonni mootummaa wayita kaadhimamummaan dhiyaatan haala mijataan akka dhiyaatanif fooyyeessichi barbaachiisaa ta’uu dubbataniiru.
Teeknooloojjitti fayyadamuun hawaasni filatu kara fillannoo diijitaalan bakka jiru taa’e applikeeshinicha buufachuun galmaa’u danda’a jedhan.
Akksumas filattoonni buufata filannootti argamuun kara qindeessitootaan galmaa’uu danda’u jedhan.
Teeknooloojichi itti fayyadamaaf salphaa fi mijataa ta’uu isaan fedhii filachuu ummataa kan guddisu ta’uu eeruun, keessattuu hirmaannaa filannoo dargagootaa ni guddisa jechuun ibsaniiru.
Abeel Niwaayiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.