Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa Hospitaala Ootoonaa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 55 olii deeggare

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Ministeerri Fayyaa Hospitaala dhiyeenya balaa ibiddaan miidhame Hospitaala Ootoonaa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 55 olitti tilmaamamu deeggare.

Deeggarsicha Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan guyyaa har’aa hoggantoota hospitaalichaatti dabarsanii kennaniiru.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Abbaayinee Abarraa Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, hospitaalichi yeroo gabaabaa keessatti hawaasaaf tajaajila fooyya’aa akka kennuuf hojjetamaa jira.

Qaamoleen garaagaraas galteewwan yaala fayyaafi deeggarsa biroo taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.