Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Mana Maree Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2017 (FMC) – Manni Maree Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee Adoolessa 30-Hagayya 2, 2017’tti gaggeessaa ture xumureera.

Paartichi xumuramuu walgahichaa ilaalchisuun ibsa kenneera.

Guutuun ibsa kanaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Nuti miseensonni paartii badhaadhinaa Adoolessa 30 hanga Hagayya 2 bara 2017tti walgahii idilee gaggeessineen Dhimmoota Addunyaa, Ardiifi naannawaafi dhimma biyyaa irratti bal’inaan mari’annee jirra.

Manni maree kun haala Ji’oo Polotiksii amma jiruun akkaataafi daandii faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa ittiin eegamu danda’u ilaaleera.Daandii ida’amuun badhaadhina bira ga’uuf carraaqqii taasifamaa jirus gamaggameera.

Addunyaa irratti Haalli teessuma siyaasaa yookiin Ji’oo polotiksi amma mul’achaa jiru biyya keenyaaf carraa fi qormaata fidee dhufuu kan ilaale manni marichaa, qormaata irra aanuu fi carraa jirutti fayyadamuun maloota ittiin dantaa biyya keenyaa daran eegsifnu irratti bal’inaan mari’atee kallattii kaa’eera.

Akkuma beekamu lola waggoota muraasa dura kutaa kaaba biyya keenyaatti nu mudate injifannoon keessa baaneerra. Injifachuu qofa osoo hin taane, injifannoo waraanaa keenyas Waliigaltee Nagaa Piritooriyaatiin xumurree jirra.

Haa ta’u malee, diinonni keenya lola yeroo dheeraa barbaadan waliigaltichaan jalaa fashala’uu isaan kan mufatan, tooftaa biraa yaaluu eegalaniiru.

Akka isaan eeganitti ta’uu baatus,qaamoleen kunneen finxaaleyyii kutaalee biyya keenyaa gara garaa keessa socho’an fayyadamuun humna mootummaa fi tokkummaa ummataa addaan qooduuf tattaaffii taasisaa jiran itti fufaniiru.

Hoggansaa fi qindeessummaa diinota keenya seenaa, fi Meeshaa ta’uu baandaawwan finxaaleyyii tokko tokkootiin, har’as diinonni keenya fedhii waraanaaf qaban hin dhaabne.

Waggoota lamaan darban keessatti diinonni keenya Tokkummaa uummataafi mootummaa qoruuf karaa lama fayyadamanii turan.

Tooftaa tokkoffaan waldhabdee naannoo adda addaatti babal’isuu yoo ta’u, inni biraa immoo karaa miidiyaa dijitaalaatiin mootummaa fudhatama dhabsiisuuf yaaludha.

Haata’uutii duula lamaaniinu akka yaadan sana bu’aa buufachuu hin dandeenye. Carraan Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf qaban dhiphateera. Bakka jirrutti dhidhimuu dandeenya jedhaniis sodaataniiru.

Dhaloonni har’aa jirru cabiinsa seenaa keenyaafi haala addunyaan keessa jirtu irraa barannee jirra.

Akka durii daandii tokko nuuf banerra timuurraa tokkumaa biyyaalessa keenyaafi dandeettii dhaabbilee keenyaa cimsuuf hojjechaa kan jirru yoo ta’u, kunis saaxilamummaa keenya baay’ee hir’isee jira.

Dandeettii biyyaalessaa Rakkoo dandamatee mul’ata biyyaalessaa milkeessuuf nu dandeessisu ijaaruun itti fufa.

Hunda caalaa tarsimoon keenya haaraan carraa siyaasaa nagaa duguugee fayyadamuudha. Waggoota torban darban keessa yeroo qormaanni cimaa turetti damee hundaan injifannoo galmeessineerra.

Keessattuu Ajandaalee biyyaalessaa sadii irratti jijjiirama qabatamaa fidneerra:

Jijjiiramni siyaasaa fi dinagdee qormaataaf osoo hin jilbeeffatin bayyanataniiru. Kunis saaxilamummaa keessoo keenyaa dhiphisee baandaawwan bakka dhabsiiseera.

Abbayya irratti hojii sirriifi seera qabeessa ta’e gaggeessuun naannawaa kanarratti bakka ji’oo istiraateejii keenya jijjiirree dhaabbii cimaarra jirra.

Mirga Seenaafi uumamaan hulaa galaanaa argachuuf qabnu ajandaa addunyaa gooneerra. Haala kanaan ejjennoo ji’oo-istiraatejii Galaana Diimaa irratti qabnu deebisuuf tarkaanfii boqonnaa tokkoo ol deemneerra.

Jijjiiramni siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee keenya qormaataan osoo hin liqimfamin milkaa’inaan tarkaanfachaa jira. Madda saaxilamummaa keessoo keenyaa ta’uu dhiisanii, gara dandeettii biyyaalessaatti jijjiiramaniiru. Baandaawwan qoqqoodinsa keessoo qirixiin babal’isuu fi diinota seenaa Itiyooophiyaa waliin ta’uun Itiyoophiyaa loluuf humna walitti qabaa jiran irraa mulqineerra.

Ajandaa sabaafi biyyaalessaa qoodinsa ittin baldhisan dhabsiifnerra.
Siyaasa keenya siyaasa eenyummaa caalbaasii gabaaf dhiyeessu keessaa akka ba’u goonerra. Tokkummaa sab-daneessumaa irratti hundaa’ee haala badhaadhina mirkaneessuun qiyyaasneerra.

Gama tokkoon haaromsa dhaabbilee fi haaromsa dinagdee maakroo jalqabneen dandeettii keessoo biyya keenyaa cimsinee jirra. Gama biraatiin haala ji’oopoolitikaa guutummaatti hubachuun dantaa biyya keenya Itiyoophiyaa kabachiifneerra.

Itiyoophiyaan shakkii malee bayyanachaa jirti. Ijaan arguun ,harkaan qaqqabuun,odeeffannoon adda baasuun ,dirree bobba’uun dhugaa kana mirkaneeffachuun ni dandaa’ama.

Milkaa’ina kanaaf waltajjiiwwan biyyaalessaa hanga addunyaatti namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman ragaan jiru. Haa ta’u malee, dhugaan kun diinota keenya seenaa fi ergamtoota isaaniif hin liqimfamu.Kanaafis Itiyoophiyaa daandii ishee irraa maqsuuf yaalii dhumaa taasisaa jiru.

Yaalii dhumaa taasisan kana tooftaalee ja’a fayyadamuuf akka ka’an manni maree keenya gamaaggameera. Isaanis: humnoota wal-ajjeesuuf wal-barbaadan faayidaan walitti hidhuu,Itiyoophiyaa jeequmsa keessa tursiisuu, komii ummataa rakkoo bulchiinsa gaarii irraa maddu jeequmsaaf itti fayyadamuu; Ajandaa roorroo kaasan afarsuu. miidiyaa akka meeshaa jeequmsaatti fayyadamuu; akkasumas karaa sharafa alaa fi meeshaalee bu’uuraatiin shira diinagdee uumuu dha.

Nuti miseensonni Mana Maree paartii Badhaadhinaa, yaalii dhumaa diinonni seenaa keenyaa godhan kana injifachuuf waadaa fi gochaan qophaa’oo ta’uu , kutannoon qabsaa’uu fi bu’a qabeessa ta’uu akka qabnu hubanneerra.

Dhimmoota torba itti aanan irratti xiyyeeffannaa olaanaan wanta nurraa eegamu ol raawwachuuf kutannee kaaneerra.

1.Filannoowwan nagaa waldhibdee hambisan kallattii hundaan yaaluufi hidhattoota daandii nagaan qabsaa’uuf murteessaniif waan barbaachisu hundaa gochuu.

2. Filannoo nagaa fudhachuu dhiisuun humnoota ummataa fi qabeenya biyyaa irratti rakkoo uumuuf ka’an irratti karaa qindaa’een seera kabachiisuu.

3. Gaaffilee bulchiinsa gaarii uummanni sadarkaa sadarkaan kaasu, gaaffilee haqaa fi diinagdee sadarkaa dandeettii humni biyyaa danda’een deebisuu.

4.Odeeffannoo sirrii fi dhugaa ta’e yeroo yeroon ummataaf kennuu fi odeeffannoo sobaa saaxiluu.

5.Hoggantootaa fi tajaajiltoota dhaabbileetti ramadamuun hanqina naamusaa, malaanmaltummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti qabsaa’uu.

6.Dameelee Qonnaa, Indaastirii oomishaa, Turizimii, Albuudaa, fi Teeknooloojii odeeffannootiin hojiilee misoomaa eeggalle caalmaan milkeessuun, inisheetiivoota eegalaman bu’a qabeessa taasisuu, jijjiirama magaalaa fi baadiyyaa hirmaannaa ummataan mirkaneessuu,

7. Gama dippiloomaasiitiin karaa hundaan dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf waliigaltee irra geenyee jirra.
Walumaagalatti nuti miseensonni Mana Maree Paartii Badhaadhinaa, imalli badhaadhina Itiyoophiyaa yeroo qabameef dursee akka milkaa’uuf qajeeltoo “qolachuu, ifaajuufi qulqulleessuu” jedhu qabannee hojii keenya itti aanu raawwachuuf murteessineerra.

Qorumsaa fi shira diinota keenyaa ni qolanna. Badhaadhinni Itiyoophiyaa damee hundaan akka milkaa’uuf kan yeroo kamiiyyuu caalaa cimnee ni hojjenna. Ilaalcha,aadaa, bartee,lootee seentotaafi baandota imala badhaadhina keenyaa gufachiisan ammoo cimnee ni qulqulleessina.

Biyya jaallannu, abjuufi kaayyoo biyyaa dhaabbannuuf qabna. Ummata tajaajillu qabna. Dantaa biyyaa kabachiifnu qabna. Diinni kana hunda balleessuu, diiguu fi gufachiisuu barbaada. Misoomsuu, ijaaruu fi bu’uuressuun; balleessuu, gufachiisuufi diiguu irra dandeettiifi ifaajuu gaafata.

Injifannoo fi Itiyoophiyaan hidhata qabu. Haata’uuti injifannoowwan hunda kan caalu injifannootu jira. Innis injifannoo Kasaaraa xiqqaadhaan mirkaneessuu fi bu’aa waaraa waliin walitti hidhuudha.

Injifannoon injifannoo caalu; injifannoo qofa osoo hin taane, injifannoo galma tarsiimaawaa qabame mirkaneessuudha.

Injifannoo itti fufiinsa qabu jechuun baandaawwan keessaa qofa osoo hin taane diinota alaa karaa tarsiimoodhaan injifachuu jechuudha. Badhaadhinni heddumina gootummaa gaafata. Wareegama dhiigaa qofa osoo hin taane wareegama dafqaas barbaada.

Gootummaa fi qophaa’ummaan, seenaa biyyaa jijjiiru. Nuti miseensonni Mana Maree Badhaadhinaa ofii keenyaa jabaannee ifaajnee hojjachuun ummata keenyas jabeessuuf kutannee kaaneerra. Of qulqulleessinee uummata keenyas rakkoorraa qulqulleessuuf murteessineerra. Akka hooggansa gootaatti sadarkaa nurraa malutti qabsaa’uuf murteessinee jirra.

Hooggansi badhaadhinaa goota diinagdeefi dirree waraanatis. Adda waraanatti ni lola, uummatas ni qindeessa. Aantummaa isaas ni cimsa. Nuti Kana kan yeroo kamiyyuu caalaa raawwachuuf waadaa keenya haaromsinee jirra.

Jabanni kun carraaqqii roga hedduu barbaada. Addunyaan jijjiiramaafi gaaga’ama hedduu qabdi. Biyyi keenyammoo rakkoofi fedhii uummataa hedduu qabdi. Humnoota diinaa adda guddina ishii qoranis qabdi. Yeroo fi haalli murteessaan akkasii ogummaa fi carraaqqii hooggansaa roga hedduu akka barbaadu hubanneerra.

Diinonni seenaa keenyafi baandonni keesso keenyaa Itiyoophiyaa laaffisuuf kutatanii jiru. Yeroo kanatti gama tokkoon haleellaa diinaa qolachuu akka qabnu ;gama biraan ammoo galma itti fufiinsa qabuufi kaayyoowwan qabanne milkeessuuf hojjachuu akka qabnu bal’inaan mari’annee murteessinee jirra.

Hoggantoonni keenya sadarkaa sadarkaan jirru yeroo tokkotti hojii hedduu raawwachuu akka qabnu kan waliigalle yoo ta’u, diinota keenya yeroo ittisnuufi nageenya yeroo mirkaneessinu hojii misoomaa qabannee itti fufuurraa osoo hin maqin ta’uu qaba.

Badhaadhinni dhaaba heddummina keenya kabajudha; paartii tokkummaa keenya walitti itiche. Dhaaba seenessa kan darberraa baratee , egeree waloo hundaa bareechu qabatedha. Seenessa diigumsaa diinota keenyaa ittisuun seenessa dhugaa keenya ijaaruuf gootummaa dijitaalaa qabatamaan hojiitti hiikna.

Diinni tokkummaa biyya keenyaa diiguu fi badhaadhina gufachiisuuf miira haaloo bahuun seenessa diigumsaa qabatee ka’eera. Nuti seenessa eenyummaan keenya walitti hidhuufi mul’ata waloo keenya milkeessu uummata keenya qabsiisuuf goota ta’uuf kutannee kaanerra.

Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa uummata miidhaa jiran furree itti quufinsa ummataa dabaluuf xiyyeeffannoon ni hojjenna.
Madda komii ummataa adda baasnee hiikna. Komii ummataa dhaggeeffachuun, karooraa baasuufi hordoffii cimaa goonee deebii ariifachiisaa kennuuf ni hojjenna.

Lootee seentota gufuu Kaayyoo biyyaalessaafi uummattummaa qabanne danquuf dhamaatu ni qulqulleessina. Hattummaa balleessuuf ni qabsoofna.

Sochii sharafa alaa biyya keessaafi ala jiru miira jaalala biyyaan akka socho’u gochuun , akkasumas meeshaalee bu’uuraa sirnaan akka raabsaman gochuun diina keessoo fi alaa shira diinagdee raawwatan irratti ni qabsoofna.

Dabalataan, filannoo biyyaalessaa torbaffaan dhufu dimokiraatawaa, seera qabeessa, hirmaannaa ummataa guutuu kan calaqqisu akka ta’uuf ; akka hoggansaafi miseensota Paartii Badhaadhinaa ‘; akkasumas, akka lammii Itiyoophiyaatti dammaqinaan ni hirmaanna.

Murteewwan kanaa olitti dabarsineefi galmoonni waadaa galle milkaa’anii badhaadhina Itiyoophiyaa bu’uura cimaa irratti ijaaruu akka dandeenyu, Miseensonni Paartii Badhaadhinaa guutuufi lammiileen Itiyoophiyaa tokkummaa sabdaneessummaan akka hiriiran waamicha dabarsina!

Mana Maree Paartii Badhaadhinaa
Hagayya 02, 2017
Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.