Dhimmoota torban Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjechuuf murteesse:
đFilannoowwan nagaa waldhibdee hambisan kallattii hundaan yaaluufi hidhattoota daandii nagaan qabsaa’uuf murteessaniif waan barbaachisu hundaa gochuu.
đFilannoo nagaa fudhachuu dhiisuun humnoota ummataa fi qabeenya biyyaa irratti rakkoo uumuuf kaâan irratti karaa qindaaâeen seera kabachiisuu.
đGaaffilee bulchiinsa gaarii uummanni sadarkaa sadarkaan kaasu, gaaffilee haqaa fi diinagdee sadarkaa dandeettii humni biyyaa danda’een deebisuu.
đOdeeffannoo sirrii fi dhugaa taâe yeroo yeroon ummataaf kennuu fi odeeffannoo sobaa saaxiluu.
đHoggantootaa fi tajaajiltoota dhaabbileetti ramadamuun hanqina naamusaa, malaanmaltummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti qabsaa’uu.
đDameelee Qonnaa, Indaastirii oomishaa, Turizimii, Albuudaa, fi Teeknooloojii odeeffannootiin hojiilee misoomaa eeggalle caalmaan milkeessuun, inisheetiivoota eegalaman bu’a qabeessa taasisuu, jijjiirama magaalaa fi baadiyyaa hirmaannaa ummataan mirkaneessuu,
đGama dippiloomaasiitiin karaa hundaan dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf Waliigaltee irra geenyee jirra.
Walumaagalatti nuti miseensonni Mana Maree Paartii Badhaadhinaa, imalli badhaadhina Itiyoophiyaa yeroo qabameef dursee akka milkaaâuuf qajeeltoo âqolachuu, ifaajuufi qulqulleessuuâ jedhu qabannee hojii keenya itti aanu raawwachuuf murteessineerra
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.