Maatiin godaansa seeraa alaarraa ijoollee isaa akka dhorku dargaggoonni gaafatan
Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Maatiin godaansa seeraa alaarraa ijoollee isaa akka dhorku dargaggoonni Magaalaa Roobee gaafatan.
Dargaggoonni magaalichaa sababa godaansa seeraan alaan dararaa fi dhumaatii dargaggoota biyyattii irra gahaa jiru balaaleffataniiru.
Dhaabbanni Tajaajila Tola ooltummaa fi Misoomaa Walaabuu, Waajjirri Hawaasummaa fi Liigiin Dargaggootaa Magaalaa Roobee dargaggoota magaalichaa waliin ta’uun godaansa seeraan alaa irratti hawaasaaf hubannoo kennaniru.
Hojiin hubannoo uumuu kun lubbuu obboleewwan keenya gammoojjii sahaaraa fi Galaana Diimaa keessatti harca’aa jiru baraaruufi jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Roobee obbo Jeeylaan Qaasim Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, dargaggoonni faddaaltotaan gowwoomfamanii irbaata galaanaa fi bineensaa ta’aa jiru.
Kanaafis dargaggoonnis ta’e maatiin gocha kana hubatanii irraa wal ittisuu qabu jedhan.
Namoonni biyya alaa deemanii hojjachuu barbaadanis bobbii hojii biyya alaa mootummaan qopheessetti gargaaramuu akka qaban dhaamaniiru.
Qindeessaan Dhaabbata Tajaajila Tola Ooltummaa fi Misoomaa Walaabuu Doktar Abdulbaarii Ismaa’il gamasaaniin, lubbuu qaalii bakka bu’iinsa hin qabne baraaruuf hundi gaheesaa bahachuu akka qabu dubbatan.
Dargaggoonnis biyya keessatti hojjatanii jijjiiramuuf kutannoo horachuu qabu jedhan.
Olyaad HaajiAhmaditu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.