Hanqinaalee kenniinsa tajaajilaarratti mul’atan sirreessuuf mariin gaggeeffame
Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC) – Hanqinaalee kenniinsa tajaajila mootummaarratti akka biyyaatti mul’atan furuuf har’a waltajjiin marii gaggeeffameera.
Miseensota Mana Maree Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoonni olaanoo dhaabbilee adda addaa bakka argamanitti waltajjiin marii mata duree ‘Tajaajila Caalmaa, Bayyanannaa Itiyoophiyaaf’ jedhuun gaggeeffameera.
Maricha kan dursan Pireezidaantii Itti aantoonni Paartii Badhaadhinaa obbo Tamasgeen Xurunaa fi Adam Faaraahiin gaaffii fi yaada hirmaattotarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.
Miseensonni Mana Maree Paartii Badhaadhinaa fi hoggantoonni olaanoon dhaabbilee tajaajila si’ataa fi yeroo madaalu kennuu keessatti gumaacha isaanii bahachuu akka itti fufan waltajjirratti gaafatameera.
Bara baajataa itti aanutti kenniinsa tajaajilaa damee hundaan milkaa’aa ta’e mirkaneessuuf hoggantoonni tarkaanfiiwwan saffisaa fi kalaqaan deeggarame hojiirra oolchuu akka qaban ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.