Hirmaannaa dubartootaa malee jijjiiramni hunda galeessi hin argamu- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Hagayya 4, 2017(FMC)- Dubartoonni diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa keessatti hirmaachuu yoo baatan jijjiiramni hunda galeessi hin argamu jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraah waltajjii hoggansa dubartootaa Godaambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jirurratti akka jedhanitti, dubartoota dameewwan misoomaa hunda keessatti hirmaachisuu baannaan jijjiiramni hunda galeessi argamuu hin danda’u.
Manneen maree lameenii fi dhaabbilee garaagaraa keessatti hoggansarratti ramaduun qaama murtoo kennuu akka ta’aniif hojii guddaan hojjetamuu kaasaniiru.
Damee diinagdee keessattis sadarkuma kanaan akka hirmaataniifi inisheetiiviiwwan akka biyyaatti qabaman galma akka gahaniif ashaaraa isaanii kaa’aa jiraachuus ibsan.
Hojiin hanga ammaatti hojjetame kan jajjabeeffamu ta’us ammas taanaan hojii bal’aan akka hafu kaasanii, dubartoota diinagdeen gahoomsuu, dandeettii ogummaafi barnootaa isaanii gabbisuufi gahee hoggansaafi murtoo kennuu isaanii guddisuuf yeroo itti aanutti ni hojjetama jedhan.
Taammiraat Dalaliitu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.