Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii Itiyoophiyaan Karra Galaanaa argachuuf taasiftu nan deeggara- Turkimeenistaan

Finfinnee, Hagayya 5, 2017 (FMC)- Turkimeenistaan tattaaffii Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasistu ni deeggarti jedhan Ministirri Dhimma Alaa biyyaattii Raashiid Meeriidoov.

Turkimeenistaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar Ministira Alaa biyyaattii waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Jamaal Bakar wayita kanatti, gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa Ministirichaaf kan ibsan yoo ta’u, shira walxaxaa keessaa fi alaan Itiyoophiyaan karra galaanaa dhabde irra deebiin argachuuf hojjechaa jirti jedhan.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasisftu faayidaa biyyaalessaa irraan darbee walitti hidhamiinsa naannawaa, misoomaa fi nageenyaaf murteessaa ta’uu eeruun karaa dippiloomaasii fi hammattoo idil addunyaa bu’uura godhachuun gaaffii ishee kabachiisuuf murannoo qabaachuu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan addunyyaarraa biyya lakkoofsa ummataan guddoo taatee karra galaanaa hin qabdu jechuun kaasaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Turkimeenistaan gamasaaniin, biyyi isaanii gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa kan deeggartu ta’uu mirkanneessaniiru.

Turkimeenistaan biyyi kamuu karra galaanaa argachuuf mirga bu’uuraa akka qabu ni amantis jedhan.

Biyyoota Karra galaanaa hin qabne gidduu tumsi idil addunyaa fi deeggarsi akka barbaachisus hubachiisan.

Marii isaaniin biyyoonni lameen waltajjiwwan idil addunyaarratti waltumsuu fi hariiroo gamlamee qaban caalmaatti cimsuuf waliigaluu Paakistanitti Embaasiin Itiyoophiyaa ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen eereera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.