Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii qorichaa fooyyessuufi kenna tajaajilaa diijitaalessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama- Dooktar Maqda Dhaabaa

Finfinnee, Hagayya 6,2017(FMC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan bara 2018’tti dhiyeessii qorichaa fooyyessuufi kenna tajaajilaa diijitaalessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Ministeerri Fayyaa waltajjii gamaaggama raawwii hojii bara 2017 fi marii karoora bara 2018 magaalaa Hararitti gaggeessaa jira.

Dooktar Maqdas Dhaabaan waltajjicharratti akka jedhanitti, bara baajataa 2018’tti dhiyeessii qorichaa fooyyessuuf, kenna tajaajilaa diijitaalessuuf, tuurizimii fayyaa hojiirra oolchuu fi hanqinaalee jiran furuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama.

Bara 2017’tti hojii dhibeewwan dursa ittisuurratti hojjetameen milkaa’inni galmaa’uus yaadachiisaniiru.

Bara 2018’tti dhaqabamummaa tajaajilaa guddisuufi ciminoota bara 2017 keessa turan itti fufsiisuuf kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.

Yaasin Shamsuddiintu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.