Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan haaromsa hambaaleef xiyyeeffannoo kennuun nageenya hambaalee eegsiseera

Finfinne, Hagayya 6, 2017 (FMC) – Xiyyeeffannaan mootummaan haaromsa hambaaleef kenne nageenya qabeenya hambaalee kabachiisuuf gargaareera jedhe Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Ababaaw Ayyaalew akka jedhanitti, mootummaan kunuunsa hambaa irratti xiyyeeffachuun qabeenya hambaa eegsisuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Jijjiiramaa asi ilaalchi haaraan mootummaan eegumsa hambaalee irratti qabate Itiyoophiyaan qabeenya hambaa bal’aa qabdu kunuunsuun gara qabeenyaatti akka jijjiirtu gargaareera jedhan.

Qabeenya hambaalee Itiyoophiyaa hedduu irratti hojiin deebisanii dhaabuu, suphaa fi misoomaa hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Hojiin kunuunsaa fi eegumsa hambaalee qabeenya hambaalee Itiyoophiyaa irratti hojjetamaa turee fi hojjetamaa jiru sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan argate ta’uus ibsaniiru.

Qabeenyi hambaa seenaa badhaadhaa lammiilee Itiyoophiyaa beeksisuu fi dhaloota itti aanu barsiisuu akkasumas galii turizimii biyyattii keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru.

Hojiin hambaalee deebisanii dhaabuu fi misoomsuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin jalqabame hambaalee Itiyoophiyaa kunuunsuu fi dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Masaraan Biyyaalessaa, Paarkiin Tokkummaa, Manneen Mootummaa Gondar fi Masaraan Mooticha Abbaa Jifaar sadarkaa seenaa fi guddina biyyattiin walsimuun haaromfamuu isaanii hubachiisaniiru.

Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana Manneen Amantaa Lallibalaa, Siidaalee Aksuum, Muuziyeemii Biyyaalessaa fi Daseee fi ambaalee biroo dabalatee hojii eegumsaa, kunuunsuu fi misoomsuu hojjetaa akka jiru dubbachuu isaanii TOI baaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.