Naannoo keenyaatti dhangaggummaan biyyee lafa heektaara miiliyoona 2.3’tti tilmaamamu miidhera- Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinne, Hagayya 6, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa naannichatti dhangaggummaan biyyee lafa heektaara miiliyoona 1.79 hanga miiliyoona 2.3 miidhuu ragaaleen ni mul’isu jedhan.
Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ittifufiinsa misooma qonnaa dhugoomsuuf, miidhaa bu’uura qabeenya umamaa hambisuu, gabbina biyyee eeguufi fooyyessuun dhimmoota ijoo ta’uu eeran.
Laafina gama kanaan tureen, bu’uura qonna keenyaa kan ta’e biyyeen miidhaa adda addaaf saaxilameeras jedhan.
Naannichatti Godinaalee 14 fi Aanaalee 178 keessatti lafti heektaara miiliyoona 1.79 hanga miiliyoona 2.3 dhangaggummaa biyyeen miidhamuu ragaan jiru kan mul’isu ta’uu ifoomsaniiru.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa rakkoo kana hambisuu, hirdhisuufi dandamachuuf, addatti toorawwan qabiyyee qonnaa lama: ‘Teknoolojii Maddisiisuu, Baay’isuufi Beeksisuu/Babaldhisuu’fi ‘Bulchiinsa Qabeenya Umamaa’ irratti baldhinaan socho’aa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyee dhangaggummaan miidhame nooraa qonnaatiin waldhaanuun, oomisha keessaa baasuun bayyanachiisuun, gosoota sanyii dhangaggummaa biyyee dandamatan beeksisuun fi xaa’oo uumamaa fayyadamuun rakkicha furuuf hojjetamaa akka ture yaadachiisaniiru.
Milkaa’ina damee qonnaatiin galmeessine keessatti, akkaataan dhangaggummaa biyyee akka rakkoofi akka carraatti fudhannee itti sochoone, lafa baldhaa gara omishaafi oomishtummaatti deebisuun shoora mataa isaa taphateera jedhan.
Mootummaan Jijjiiramaa naannichaa, gara fuula duraattis hudhaalee adeemsa kanaan muldhatan furaa, bu’a qabeessummaa qotee bulaa dabalaa kan deemu ta’uu ibsaniiru.
Kana malees mootummaan naannichaa, hudhaalee gama humna namaa, giddugalawwan qorannoo, faasiliitiwwaniifi bu’uuraalee qorannoo akkasumas baajataatiin jiran furuun, hojiile qorannoo, faan-dhawaafi eksiteenshinii bulchiinsa dhangaggaa’ummaa/gabbina biyyee cimsee kan ittifufu ta’uu hubachiisan.
Hojiin gama dhangaggummaa yaalutiin jiru, hidhata gabaafi dhiyeessii nooraa qonnaa mijeessuufi gatii nooraa ‘subsidize’ gochuun dhaqqabummaa isaa ni mirkaneessa jedhan.
Akkasumas dandeettii omishuutiin walqabatee, walta’iinsa dhuunfaafi mootummaa qindeessuun, dhiyeessii baldhina rakkichaa waliin walsimu kan dhugoomsu akka ta’e kaasaniiru.
Sochii qophiifi ittifayyadama xaa’oo umamaa yeroo ammaa jiru, gandoota naannichaa akkasumas maatii badhaadhinaa hunda biratti idileessee babaldhisuun, faayidaan gama hundaan jiru sadarkaa olaanaatti akka guddatu kan hojjetu ta’uu himan.
Inisheetivoota omishaalee al-ergiifi gabaa giddugaleessaa, dhangaggummaa dandamataniifi armaan dura jalqabaman (buna, shaayii, ruuzii, maangoo) babaldhisuu cinaatti, haaraa (‘cowpeas’, kuduraalee, muduraalee) akka beeksisu eeran.
Dabalataanis, kunuunsaafi eegumsa qabeenya umamaa jalqabe cimsee ittifufuu, hubannoo eegumsa gabbina biyyee guddisuu, akkasumas teknoolojii dhangaggummaa biyyeetiin walqabatan maddisiisuu irratti luucceeffatee kan hojjetu ta’uu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.