Hawaasni dhukkubsattoota dhibee kaleef deeggarsa akka taasisu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Hagayya 8, 2017(FMC)- Hawaasni dhukkubsattoota dhibee kaleef deeggarsa akka taasisu Dhaabbanni Tola Ooltummaa Tajaajila Dhiqaa Kalee waamicha dhiyeesse.
Dhaabbatichi dhukkubsattoota dhibee kaleef deeggarsa baasii dhiqaa kalee (Dialysis) taasisaa akka ture ibseera.
Dhukkubsattoonni dhibichaa tajaajila baqaqsanii yaaluun akka yaalamaniif hojiileen hubannoo uumuu hojjetamaa kan jiran ta’us namoonni kalee gumaachan waan hin jirreef dhukkubsattoonni hedduun rakkoo hamaa keessa jiraachuu eereera.
Kanaaf hawaasni waldhaansa dhukkubsattoota dhibee kaleef deeggarsa barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.