Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii duudhaa mandhalee qabdudha- Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan biyya sirnoota siyaasaa garaagaraan ijaaramaa dhufte, biyya sabdaneettii duudhaa mandhalee rakkoolee nageenyaa furuu danda’an qabdudha jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.

Mariin Gumii Balal Marsaa 44ffaan Mata duree ” Dhibdeewwan Siyaasaa Itiyoophiyaa; Kaleessaa Hanga Har’aatti” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Obbo Hayiluun maricharratti haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan Seenaa ishee keessatti seeneffamoonni qeenxeen waldhabdee Siyaasaa uumuu, aadaan Siyaasaa biyyattiis waltumsuurra walsakaaluun aadeffatamee turuu yaadachiisaniiru.

Babal’achuun miidiyaa diijitaalaa dhibdeewwan Siyaasaa babal’isuufi mariiwwaniif qormaata ta’uu hubachiisaniiru.

Rakkoolee Kanneen furuuf faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuun, aadaa marii araaraa babal’isuufi seenessa waloo cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Waraqaa ka’umsa marii kan dhiyeessan Hogganaan Abbaa Taayitaa Galteewwan Qonnaa Oromiyaa Dooktar Birhaanuu Leenjisoo, Itiyoophiyaa keessa qaamoleen seenessa qeenxee fi seenessa waloo tarkaanfachiisan jiraachuu ibsaniiru.

Meeshaa ammayyaa Kan ta’e miidiyaan hawaasaa seenessoota qeenxee afarsuu keessatti qooda bahachaa jiraachuu kaasaniiru.

Seenessi qeenxeen ammoo siyaasaa, diinagdee, nageenyaafi tasgabbiirratti rakkoo uumuu himuun, furmaata waloo uumuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.