Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesse

Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC)- Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesseera.

Koomishiniin Siiviil Sarvisii Federaalaa ibsa baaseen, mootummaan haala jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii dandeettiin biyyaa eeyyamu fudhachaa jiraachuu ibseera.

Haaluma Kanaan mootummaan hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteessuu beeksiseera.

Fooyya’iinsa Kanaan miindaan hojjetoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 4 fi 760 irraa gara Birrii kuma 6’tti akka guddatu ibsameera.

Miindaan hojjettoota mootummaa inni olaanaan ammoo Birrii kuma 21 fi 492 irraa gara Birrii kuma 39’tti kan guddatu ta’uun eerameera.

Miindaan ka’umsa eebbifamtoota digirii jalqabaa Birrii kuma 6 fi 940 irraa gara Birrii kuma 11 fi 500’tti fooyya’a jedhameera.

Miindaan hojjettoota mootummaa siiviil sarvisiin ala dameewwan garaagaraa keessatti bobba’anis kan fooyya’u ta’uu komishinichi beeksiseera.

Fooyya’iinsi daballii miindaa kun baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol gaafachuu kan ibse komishinichi, baasii mootummaa waliigala waggaatti miindaaf bahu Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 60’n gahuu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.