Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii Salphisuuf ejjennoo qaba- Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Hagayya 12, 2017 (FMC) – Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii salphisuuf ejjennoo qabachuun hojjechaa jira jedhan Ministitrri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.
Ministeerri Maallaqaa Tajaajila Mootummaa fi Riifoormii Bulchiinsaa gara hojitti galchuu isaan Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa irraa beekamtiin kennameefira.
Obbo Ahimad Shideen wayita kanatti ,riifoormii mootummaan waggoottan darban gaggeesseen bu’aan qabatamaan argameera jedhan.
keessattuu riifoormiin fooyyeessii diinagdee gooroon taasifamee sharafa alaa guddisuu fi diinagdee daddamaqsuu keessatti gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.
Mootummaan dhiibbaa jireenyaa lammiilee miindeeffamtoota dhaabbii salphisuuf murannoon ejjennoo qabatee hojjechaa jiraachuu eeruun, fooyyeessiin Baatii Fulbaanaarraa eegale hojiirra ooluu kunis argasiistuu ta’uu kaasaniiru.
Komishinarri Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee gamasaaniin, dhaabbiilee fi Gurmaa’insa Mootummaa ammayyeessuun humna namaa ogummaa fi namuusaan gahoome horachuun hawaasaaf tajaajila si’aataa fi bu’a qabeessa kennuuf riifoormiin garaagaraa gaggeeffamaa jira jedhan.
Riifoormichi Ministeera maalllaqaa dabalatee dhaabbilee saddeet keessatti hojiirra oolaa turuu yaadachiisaniiru.
Dhaabbilee kanneen keessaa Ministeerri Maallaqaa qophii haal duree xumuruun guutummaan guutuutti hojiirra oolchuu isaaf dinqisifataniiru.
Hojjettoota Mootummaa miiliyoona 3.3 ‘f fooyyeessii miindaa gochuuf Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 kan barbaachiisu ta’uu himuun, kunis murannoo Mootummaa ifatti kan mul’isuudha jedhan.
Hojjettoonni mootummaa hojii isaanii kara bu’a qabeessa ta’een raawwachuun guddina biyyaaf gahee isaanii akka bahatan gaafachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.