Yaa’iwwan Finfinneetti gaggeeffaman Dippiloomaasii Magariisaaf fayyadamuun barbaachiisaadha
Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Yaa’iwwan idil Addunyaa fi Ardii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffaman dippiloomaasii Magariisaaf fayyadamuun barbaachiisadha jedhan Hayyoonni Hariiroo Idil Addunyaa.
Yaa’iin 2ffaa Eegumsa naannoo Afrikaa Itiyoophiyaan keessummeessitu muuxannoo Ashaaraa Magariisaa kan itti qooddu ta’uu Hayyuun Hariiroo Idil Addunyaa fi Dippiloomaasii Piroofesar Biruuk Hayiluun ibsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojiilee Itiyoophiyaan damee Qonnaa fi Eegumsaa naannoon raawwateen yaa’icha qopheessuuf filatamtuu ishee taasisa kan jedhan immoo Xilaahuun Kabbadaati.
Taateen kun dhiibbaa uumtummaa Itiyoophiyaas kan guddisuudha jedhan.
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojiileen hojjetteen yaa’icha dippiloomaasii Magariisaaf fayyadamuu akka qabdu hubachisaniiru.
Yaa’ichaan Itiyoophiyaan hojiilee Ashaaraa magariisaan waggoottan darban hojjette Addunyaaf kan agarsiistu akka ta’uu Hayyoonni kunneen himaniiru.
Maqdas Kabbadaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.