Magaalichatti giddugaloonni gabaa, iddoowwan dhaabbii konkolaataafi terminaalonni tajaajilaaf banaman
Finfinnee, Hagayya 16, 2017(FMC)- Magaalaa Finfinneetti giddugaloonni gabaa, iddoowwan dhaabbii konkolaataafi terminaalonni ijaaramaa turan guyyaa har’aa eebbisiifamuun tajaajilaaf banamaniiru.
Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen wayita kana akka jedhanitti, magaalichi jiraattotaaf mijataa daawwattootaafis hawwataa ta’aa jira.
Guyyaa har’aas piroojektoonni miidhagina magaalichaa fooyyessan Araadaarraa eegalee, Meeksiikoo, Lagahaar, Saarbeetiifi naannawaa Gamtaa Afrikaa jiran eebbisiifamuun tajaajilaaf gahuu dubbataniiru.
Pirojektoonni kunneen dubartootaafi dargaggootaaf carraa hojii kan uuman, yaa’iinsa tiraafikaa kan saffisiisaniifi ammayyeessan akkasumas miidhagina naannawichaa kan dabalan ta’uu eeran.
Haaluma Kanaan iddoon dhaabbii konkolaataa naannawaa Baashaa Waldee-Chilootitti akkasumas naannawaa Gamtaa Afrikaatti giddugalli gabaa ammayyaa, iddoon dhaabbii konkolaataafi bakki bashannanaa daa’immanii tajaajilaaf banamuu ibsaniiru.
Giddugalli Gabaafi iddoon dhaabbii konkolaataa Gamtaa Afrikaa giddugala ammayyaa lafa iskuweer meetirii kuma 28 fi 500 irratti ijarame ta’uus kaasaniiru.
Giddugalichi beezmentiifi pilaazaa 2 fi suuqiiwwan 250 kan qabu akkasumas konkolaattota 250 yeroo tokkotti keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, iddoo daa’imman itti taphatan, mankuusaawwan 45, manneen fincaanii, faawunteenii, amfii tiyaatiraa fi pilaazaa kan of keessaa qabu ta’uu eeraniiru.
Iddoon dhaabbii konkolaataafi giddugalli gabaa Baashaa Waldee- Chilootitti ijaarames kaafteeriyaawwan, suupper maarkeetiiwwan, suuqiiwwan, reestooraantiiwwan, pilaazaa fi iddoo dhaabbii konkolaataa qabaachuu ibsaniiru.
Giddugaloonni lameen nageenyummaan isaanii kan eegameefi daa’immaniifi maanguddootaaf mijatoo ta’uus eeran.
Walumaagalatti Meeksikoo irraa eegalee hanaga Lagahaariifi naannawaa Gamtaa Afrikaatti iddoowwan dhaabbii konkolaataafi terminaalonni konkolaattota kuma 3 fi 769 keessummeessuu danda’an jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.