Kaabineen Magaalaa Finfinnee dhimmoota lamarratti mari’achuun murtoo dabarse
Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FMC) – Kaabineen Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 2ffaa waggaa 5ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota lamarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Ajandaasaa jalqabaan Misooma kooridariifi qaraqara lagaa keessatti bu’uura waliigaltee mootummaafi tumsa dhaabbilee dhuunfaan piroojektoota misooman 30 baasii Birrii biiliyoona 700 fi biiliyoona 33 oliin misoomsitoota 37 deeggaruuf ajandaa dhiyaaterratti mari’ateera.
Haaluma Kanaan faayidaa pirojektoonni kunneen diinagdee, carraa hojii uumuufi misooma magaalaa keessatti qaban gamaaggamuun yaada furmaataa dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.
Dhimmi lammataa Kaabineen magaalichaa irratti mari’ate danbii raawwii jijjiirraafi ramaddii leenjistoota koolleejjota teeknikaafi ogummaa Bulchiinsa Magaalichaa irratti.
Dhaabbilee teeknikaafi ogummaa keessatti leenjii qulqullina qabu kennuuf, kolleejjota bu’aa qabeessa taasisuu fi haala qindoomina qabuun hogganuuf danbichi bahuun gahee olaanaa waan qabuuf akka raggaasifamuuf murtoon darbuu Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.