Oromiyaan oomishtummaa guddisuun gabaa tasgabbeessuuf bonaafi ganna hojjechaa jirti- Dooktar Abdulhaakiim Muluu
Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Oromiyaan oomishtummaa guddisuun gabaa tasgabbeessuuf bonaafi ganna hojjechaa jirti jedhan Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Abdulhaakiim Muluun.
Baazaaraiifi egzibishiniin torbee daldalaa marsaa 2ffaan sadarkaa Oromiyaatti qophaa’e mata duree “Kan Itiyoophiyaa haa binnuu” jedhuuun Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti banameera.
Baazaariifi egzibishinii kanarrattis godinaaleefi magaalonni hundi oomisha isaanii qabatanii agarsiisaaf dhiyaataniiru.
Hoggantuun Biiroo Daldala Oromiyaa Dooktar Yashii Jimaan, Kaayyoon agarsiisa egzibiishinii kanaa oomishaalee beeksisuufi walitti hidhamiinsa gabaafi oomishaalee uumuuf ta’uu ibsaniiru.
Oomishni karaa seera qabeessaan akka dhiyaatuu kan gargaaruufi daldala seera qabeessaaf beekamtii kan kennu ta’uus eeraniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Abdulhaakiim Muluu gamasaaniin, Oromiyaan oomishtummaa guddisuun gabaa tasgabbeessuuf bonaafi ganna hojjechaa jiraachuu ibsanii, oomishaafi tajaajila biyya keenyaarratti ilaalcha jiru jijjiiruuf sochiin taasifamaa jira jedhan.
Faayidaan torbee daldalaa kunis hubannoo uumuun oomisha biyya keessaa fayyadamuun hirkattummaafi saaxilamummaa diinagdee keessaa ba’uuf akka gargaarus hubachiisaniiru.
Baazaariifi egzibishiniin kunis guyyoota 3’f kan turu ta’uu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.