Bukaayoo Saakaan torbanootaaf dirreerra ni fagaata
Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Jifataan sarara fuulduraa Arseenaal Buukaayoo Saakaan sababa miidhaan torbanoota afuriif dirreerraa akka fagaatu ifoomeera.
Buukaayoo Saakaan tapha Arseenaaliifi Liids Yuunaayitid gidduutti sanbata darbe taphatamee irratti miidhamuun dirree keessaa bahuun isaa kan yaadatamudha.
Saakaan taphichaan Arsenaaliif goolii 2ffaa kan galche yoo ta’u, miidhama Kanaan torbanoota afuriif dirreerra akka fagaatu “BBC Sport” gabaaseera.
Bifuma walfakkaatuun tapha sanbata darbeen miidhamee kan ture taphataan Arseenal biraa Maartiin Odiigaard morkii Anfiildiif gahuun isaa shakkisiisaa ta’uus himameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.