Manni Amantaa Kaatoolikii Itiyoophiyaa eebba Hidha Guddicha Haaromsaa sababeeffachuun ergaa gammachuu dabarsite
Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Manni Amantaa Kaatoolikii Itiyoophiyaa eebba Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa sababeeffachuun ergaa gammachuu dabarsiteetti.
Yaa’iin Phaaphaasiiwwanii Mana Amantichaa ergaa dabarseen, Hidhichi fakkeenya milkaa’ina Itiyoophiyaanotaafi Afrikaanotaa ta’uu ibseera.
Hangafni Phaappaasiifi Pireezidaantiin Yaa’ii Phaaphaasotaa Mana Amantichaa Kaardinaal Abuna Birhaana Iyyasuus gara Guubaatti imaluun abbootii amantaalee waliin sagantaa eebba Hidhichaarratti argamuus Manni Amantichaa beeksisteetti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.