Fana: At a Speed of Life!

Kan kabajnu jijjiiramuu baraa qofa miti jijjiiramuu seenaa dabalateeti- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 5, 2017 (FMC)- Kan kabajnu jijjiiramuu baraa qofa miti jijjiiramuu seenaa dabalateeti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara haaraa 2018 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Dooktar Abiy baga bara haaraa Itiyoophiyaan olka’iinsaa fi Hidha Guddicha Haaromsaa ittii Eebbisteen isin gahe jedhan.

Bara darbe uumaan nu cinaa, milkaa’inoota immoo ulaa keenyarratti bara itti argine ture jechuun ibsaniiru.

Damee Qonnaa, Tuurizimii, Albuuda, Oomishtummaa fi ICT’n milka’inoonni galmeessine kanaaf ragaadha.

Itiyoophiyaan ummattoota haganaa qabattee cichoominaan yoo hojjanne injifannoo kana ol milkeessuu akka dandeenyu Hidhi Guddichi Haaroomsaa ragaa nuuf baha jedhan.

Baatii ulfaa rakkoo, sodachiisaa fi qormaanni sa’aatii dhumarratti akka ta’e ni himama jedhan.

Onne ummataa keessatti baroottaniif kan mallatteeffame Hidha Guddicha Haaroomsaa Itiyoophiyaan akka uumtuuf qormaata heddu keessa darbuun dirqama ture jedhan.

Yeroo rakkisoo heddu darbuun akkasuma barbaachiisa ture.

Rakkoolee cicimoo yellaasisoo dandamachuun murteessaa akka tures eeran.

Keessattuu yeroo dhumaarratti mundhii hidhachuun, onnee jabbeeffachuun, waanjoo cabsuun, du’aa cee’anii deemuun yeroo barbaachiisaan turan jedhan.

Uumaa wajjiin cicoomina ummata keenyaan, jabina hojjettoota piroojektichaa fi aarsaa qaamoolee nageenyaan darbinee eebbaaf geenyeerra jechuun himaniiru.

Kan kabajanu jijjiiramuu baraa qofa miti jedhan Dooktar Abiy, Jiijjiiramuu seenaa dabalateetti.

Maqaan gaarii Itiyoophiyaa ,Seenessi Itiyoophiyaa fi ejjennoo Siyaasaa Itiyoophiyaa jijjirameera jedhan.

Dursitoonni keenyaa hawwuun, akaakayuuwwan keenyaa yaaduun, Abbootiin keenyaa eeguun, nuti immoo qabsa’aa fi kan turre Olkaa’iinsi Itiyoophiyaa dhugoomeera.

Kunis imala olkaa’iinsa wagga kumaaf ka’uumsa malee gahuumsa miti jedhan Dooktar Abiy.

Jalqabbii malee xumura miti. Nuti dandeettii fi ejjennoon yoo ida’amne biyyi keenya haadha qabeenya hedduuti.

Itiyoophiyaan Addunyaa fi Afrikaaf kan gahu Seenaa, Aadaa , Amantii fi qabeenya uumamaa guttaatteetti jedhan.

Barri 2018 bara itti bayyanachuu Itiyoophiyaaf hiddaafi bu’uura cimaa keenyudha kan jedhan.

Harka tokkoon qormaatilee dandamachaa, harka biraan seenaa keenya jijjiiraa imalla jechuun ibsaniiru.

Riisaan lafarraa wayita ka’u simbirroonniifi lubbu qabeeyyii hedduun wajjiin ka’uu danda’u, yeroo muraasaaf waliin balali’u, yeroo muraasaafis isa golguu bira gahu, hanga gara oliitti fagaachaa adeemeen garuu hedduun isaanii gara gadiitti kan hafan, xumurarrattis samiirratti seenaa hunda isaanii ilaalaa injifannoon imala isaa kan itti fufu ta’uu eeran.

Itiyoophiyaafis barii fi olka’iinsi ni barbaachisa jechuun, barri 2018 bara guddummaan ishee barii’u, daran ifu, daran cululuqaa deemu ta’uu ibsan.

Hanguma Hidha Haaromsaa ilaallu dandeettiifi cimina Itiyoophiyaa yaadanna, Hidhicha wayita arginu ammoo barii Itiyoophiyaa yaadna jedhan.

“Haroo Barii” kan jenneefis kanumaafi kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Hidhichi wanta hanga ammaatti ture ni dubbata, harichi ammoo wanta kana booda dhufu labsa jedhan.

Riisaan xiqqaa fi guddaa waliin wanta ta’uufi hin taane irratti kan wal hin falmine ta’uu kaasanii, hanguma olka’iinsa isaa dabalu qormaati isaa hir’achaa, dandeettiin isaa dabalaa, seenaan isaa jijjiiramaa akka deemu beeka jedhan.

Kanaaf wanta bitaafi mirgaan itti darbatamu danda’aa olka’iinsa isaan kan adeemu ta’uu eeruun, nutis hanguma gara oliitti olka’aa adeemnu qormaatni keenya jijjiiramaa, injifannoon keenya dabalamaa akka deemu beeknee sammuufi harka keenya hojiif qopheessuu qabna jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaa kan jijjiiru saffisaafi kalaqa ijoolleeshee ta’uu kaasanii, seenaa Abbayyaa kan jijjiire hojiidha, seenaa Itiyoophiyaa kan jijjiirus hojii ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaanonni hundi onnee, yaada, beekumsaafi humna isaanii badhaadhina Itiyoophiyaaf akka oolchan dhaamaniiru.

Wayita hojjennu maal akka jijjiirru Hidha Haaromsaarraa argineerra, nuti milkaa’inaaf wayita tumsinu uumaan hagam akka nu gargaaru nuti ragaadha jedhaniiru.

Uumaan gaaffii baroota kumaa akka deebisnuuf humna nuuf kenne, gaaffii waggootaafi baatiiwwanii deebisuuf homtuu isa hin dhorku jechuun ibsaniiru.

Barri 2018 bara wanta kana daran itti mirkaneessinu akka ta’u nan amana kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, har’a ijji keenya wanta argan akka arganiif, gurri keenya wanta dhagahan akka dhagahaniif wareegama kan kaffaltan hunda ni galateeffanna jedhan.

Damee hundaan kan hirmaattan hunda Itiyoophiyaan isin kabajji, biyyootaafi uummattoota michuu keenyaa nu cinaa turtan hunda maqaa Itiyoophiyaan isin galateeffanna jedhaniiru ergaa isaaniin.

Guddinniifi badhaadhinni bu’aa dhalootaa dhalootatti darbu ta’uu kaasanii, warreen jalqabdan, warreen itti fufsiistan, xumuraaf warreen geessistan maqaa keessan Hidha Haaromsaa irratti barreessitaniitu jedhan.

Warreen maallaqaan, beekumsaan, humnaan, miidiyaan, dippiloomaasiin, ogummaan gumaachan hundi ijoollee gaafa xiiqii Itiyoophiyaa ta’uun seenaa keessatti galmaa’uu eeraniiru.

Qabsoon, tumsi, faayidaa biyyaalessaaf tokkummaan dhaabachuun, ofii keenyaaf ofii keenyaan hojjechuun boris itti fufuu qaba; Itiyoophiyaaf kanaa olitu mala jedhan.

Itiyoophiyaa hojiileen gurguddoon kanaa olii kan eegan ta’uu kaasanii, kanas waloon waltumsinee milkeessuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Barri haaraan bara bayyanachuun Itiyoophiyaa bu’uura cimaa itti qabatu akka ta’u amantaa qabaachuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.