Fana: At a Speed of Life!

Kaawunsiliin Manneen Amantaa Hordoftoota Wangeelaa Itiyoophiyaa eebba Hidha Guddicha Haaromsaa sababeeffachuun ergaa gammachuu dabarse

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Kaawunsiliin Manneen Amantaa Hordoftoota Wangeelaa Itiyoophiyaa eebba Hidha Guddicha Haaromsaa sababeeffachuun ergaa gammachuu dabarseera.

Kaawunsiliin Manneen Amantaa Hordoftoota Wangeelaa Itiyoophiyaafi Gamtaan Manneen Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa xumuramuu Hidha Haaromsaa ilaalchisuun waloon ibsa kennaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Manneen Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Paastar Tsaadiquu Abdoo akka jedhanitti, Uumama irraa eegalee Kitaaba Qulqulluu keessatti laggeen afur ibsaman keessaa tokko laga seenaa qabeessa laga Abbayyaati.

Laga kanarratti tattaaffii waloo Itiyoophiyaanotaan kan ijaarame Hidhi Haaromsaa waan xumurameef baga gammaddan jedhaniiru.

Itiyoophiyaa ilaalchisee seenessoota sobaa miidiyaalee idil-addunyaan darban qolachuuf qaamoleen qooda fudhattootaa gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Barreessaa Olaanaan Kaawunsilii Manneen Amantaa Hordoftoota Wangeelaa Itiyoophiyaa Lubni Dooktar Darajjee Janbaruu gamasaaniin, bara haaraatti eebba Hidha Guddicha Haaromsaa fi Waggaa 50ffaa Gamtaa Manneen Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa sababeeffachuun sagantaan galateeffannaa qophaa’uu ibsaniiru.

Sagantichi Fulbaana 1, 2018 Addabaabaayii Masqalaatti kan gaggeeffamu ta’uu kaasanii, saganticharratti hirmaachuu kanneen barbaadan ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee akka argaman ergaa isaanii dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.