Rakkoo bulchiinsa gaariifi alseerummaa hambisuu keessatti wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo shoora olaanaa qaba
Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Rakkoo bulchiinsa gaariifi alseerummaa hambisuu keessatti wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo shoora olaanaa qaba jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Hawaasni tajaajila Mootummaa qulqullu, si’ataafi qaqqabamaa ta’e akka argatu Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa akka jiru ibsameera.
Bu’uruma kanaan guyyaa har’aa wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo magaaloota gurguddoo keessatti ijaaramuun qophaa’an eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasifamaa jiru.
Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo magaalaa Adaamaas bakka Hooggantoonni olaanoon argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaameera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa wayita kana biyya fakkeenya badhaadhinaa taatu ijaaruuf, hiyyummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf, alseerummaa fi hanna dhabamsiisuu keesaatti kenna tajaajilaa dijitaalessuun iddoo olaanaa qabaachuu ibsan.
Wiirtuun kenna tajaajilaa bulchiinsi magaalaa Adaamaa har’a eebbisiise fakkeenyummaa olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee gama isaaniin, guyyaa tajaajiltummaatti tajaajila mootummaa ammayyeessuu fi dijitaalessuuf wiirtuu kenna tajaajilaa magaalaa Adaamaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun hojii eegalchiisneerra jedhaniiru.
Wiirtuun kun tajaajila si’ataa fi tuttuqqiirraa bilisa ta’e kennuun amantaa ummanni mootummaarratti qabu guddisuu keesaatti gahee olaanaa akka qabu ibsuu isaanii Ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.