Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Walitti Qabaa Boordii ‘CIFF’ waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Hundeessaafi Walitti Qabaa Boordii Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Daa’immanii (CIFF) Sar Kiristoofar Hoon waliin mari’ataniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Sar Kiristoofar Hoon Itiyoophiyaan tarsiimoo nyaataa fi sirna nyaataan, Waadaa Saqoxaan, inarjii magariisaan, fayyaa haadholii, dubartootaafi daa’immanii irratti hojiin hojjechaa jirtu kan jajjabeeffamu ta’uu natti himaniiru jedhan.

Dhimmoota kanneen irratti faawundeeshinichi deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu waadaa seenuus ibsanii, dhaabbatichi dhiyeessii bishaan dhugaatiifi carraa hojii uumuu dubartootaa irratti hojjechuuf fedhii qabaachuus eeraniiru.

Kan malees Sar Kiristoofar Hoon riifoormii diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa dinqisiifachuu obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.