Fana: At a Speed of Life!

Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu bara 2030tti balallii idil addunyaa eegalchiisuuf karoorfame

Finfinnee Fulbaana 1 , 2018 (FMC) – Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu bara 2030tti balallii idil addunyaa eegalchiisuuf karoorfame jedhan Hojii gaggeessaa olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoon.

Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu waggaa 5 keessatti xumuramuun bara 2030tti balallii idil addunyaa ni eegala jedhan.

Akka hoji gaggeessaan kun jedhanitti, daandiin xiyyaaraa kun deeggarsa mootummaa, hoggansa boordii, fi of kennuu hojjettoota isaatiin qormaata mudate milkaa’inaan mo’achuu danda’eera.

Ciminaan hojjechuu fi milkaa’inni mallattoo Daandii Xiyyaarichaa ta’uu eeranii, bara xumurame keessa guddina isaa itti fufsiisuu kaasaniiru.

Babal’nni buufata xiyyaaraafi sararoonni balallii haaraa banuun sadarkaa olaanaarra jiraachuu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Bara baajataa 2018tti pirojeektii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiisuuf qophiin xumuramuu ibsanii, qonnaan bultoota achirraa ka’an gara bakka haaraa qubsiisuuf ijaarsi manneenii xumuramaa jira jedhan.

Pirojetichaaf madda faayinaansii barbaaduun raawwatamaa jiraachuus kaasanii, ijaarsi isa waggaa shan booda bara 2030tti xumuramee tajaajila akka eegalu eeran.

Buufatni xiyyaaraa tarminaala ammayyaa qabu kun buufata xiyyaaraa addunyaa irratti beekamoo ta’an keessaa tokko kan taasisuu fi indaastirii aviyeeshinii Itiyoophiyaa daandii guddaa irra kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.

Buufatni xiyyaaraa kun yeroo hojii eegalu Buufatni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ammayyaa’ee balallii biyya keessaa sadarkaa tajaajila idil-addunyaatiin kan kennu ta’uu ibsaniiru

Barri haaraas kan nagaa fi kan gammachuu akka ta’u hawwaniiru

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.