Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni kaarnivaala goobeefi shinooyyee torbee tokkoof gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Agarsiisni kaarnivaala goobeefi shinooyyee torbee tokkoof gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa karaa Aadaafi duudhaa isaa eeggateen xumurameera.

Hooggantuun Biiroon aadaafi Tuuriizimoo Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu aadaa boonsaa Oromoon qabu kan laafee ture ammatti mootummaan naannoo Oromiyaa bakkatti deebisuuf haaromsa aadaa taasisuun bu’aa olaanaa buusaa jiraachuu hmaniiru.

Aadaafi duudhaa Oromoo bakkatti deebisuu keessatti gaheen dargaggoootaafi shammarranii olaanaa tahuu kan himan aadde Jamiilaan, Kaarnivaallii Goobeefi Shinooyyeessi kanaaf agarsiistuu guddaadha jedhan.

Sirna cufiinsa Agarsiisni kaarnivaala goobeefi shinooyyee kanarraatti abboottiin gaadaafi keessummoonni kanneen biroo argamaniiru.

Sirna agarsiisaa goobeefi shinooyyee kanarraatti qeerroofi qarreewwan kumni 6 ol hirmaachuun himameera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.