Mootummaan Ida’amuu daandii haaraa irra imaluu filata- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 7, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mootummaan Ida’amuu daandii haaraarra imaluu filata jedhan.
Kitaabni ‘Mootummaa Ida’amuu’ Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’e guyyaa kaleessaa eebbifameera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa sagantaa eebba kitaabaa kanaarratti dabarsaniin, kitaabni ‘Mootummaa Ida’amuu’ ergaa nuti seenaa hojjenna malee warra seenaa leellisu hin taanu jedhuun qophaa’uu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu daandii haaraarra imaluu kan filatu ta’uu ibsanii, imala Mootummaa Ida’amuu agarsiisuuf Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaafi Sudaan fakkeenya gaariidha jedhan.
Sudaan wayita nuti jijjiiramnu biyya naga qabeettii turte; gaaffiin dogoggoraa gaafa ka’u buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Kaartuum ijoollee isheen ijaarte diigdeetti jechuun ibsan.
Daandii Sudaanonni hordofaniifi filatan daandii diigumsaa waan ta’eef rakkoof saaxilamuu eeraniiru.
Nuti ammoo maallaqaa, yaadaafi hojimaataan Hidha Haaromsaa cabiinsa isa mudatee ture waliin fudhannee xumuraaf geenyeerra jedhan.
Hidhichi injifannoo Itiyoophiyaanonni waloon milkeessan ta’uu ibsanii, Mootummaan Ida’amuu milkaa’ina saammachuuf yeroo akka hin qabne hubachiisaniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.