Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf hojjechaan jira jedhe

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) –Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii dhabdummaa rakkoo siyaas-diinagdee biyyaa ta’e hundeerraa hiikuuf carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf hojjechaan jira jedhe.

Biiroon Ogummaa fi Carraa Hoji Uumuu Oromiyaa Feestivaala Ogummaa Oromiyaa mata duree “Ogummaa Dagaagfadhu; Hojii Amansiisaa argadhu” jedhuun Fulbaana 11-13/2018tti geggeessuuf akka jiru Hoogganaa Itti Aanaafi itti gaafatamaan damee leenjii biirichaa obbo Nasraddiin Qaadii miidiyaaleef ibsa kennanniin ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, biirichi rakkoo hojii dhabdummaa furuuf carraa hojii ogummaan dursuu fi leenjiin kennamu waraqaa ragaan olitti akka ta’uuf hojjechaa jira.

Kaayyoon Feestivaala Ogummaa Oromiyaa kun inisheetiivii Oromiyaa ogummeessuu, hubannoo hawaasa bira jiru fooyyesuu, ogummaa dagaagsuu, carraa hojii ogummaan durfamuufi itti fufiinsa qabu lammiileef bal’innaan uumuudha.

Akkasumas walitti dhufeeenya dhaabbilee leenjifi ogummaa cimsuufi hariiroo hawaasaafi indaastirii jabeessuun kaayyoo isaa isa biraati.

Mootummaan Ogummaan olka’linsa biyya keenyaaf murteessaa ta’uu itti amanee kallattii hundaanuu xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Rakkoon hoji-dabdummaa hiikuuf humna naannichi qabu bu’ureefachuun leenjii kennuu, iddoo qopheessuu fi maallaqa liqeessuun hojiin mootummaan hojjechaa jiru abdachiisaa ta’uu dubbataniiru.

Humni nama ogummaan gahoome bu’aa qabeessummaa industriitiif murteessaa ta’uu himuun, leenjiin teeknikaafi Ogummaa gocha irratti kan hundaa’e Kolleejjota waliin ta’uun hojjetamaa jiras jedhan.

Kolleejjiiwwan leenjiifi ogummaa 215 festiivaalicharratti akka dhiyaatan kan dubbatan obbo Nasraddiin Qaadiin, hawaasni, abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantaa, dhaabbileen miidiyaafi dhaabbileen industirii akka qooda fudhatan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.