Guddinaafi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf dhaloota aadaa hojii cimaa gonfate oomishuun barbaachisaadha- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen guddinaafi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf dhaloota aadaa hojii cimaa gonfate oomishuun barbaachisaadha jedhan.
Biiroon Hojiifi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bartootta Kolleejjiiwwan Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa Mootummaa keessatti leenji’aa turan kuma 7 fi 149 eebbiseera.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana akka jedhanitti, dhaloonni har’aa dhaloota egereef galaa kaa’uuf hojii cimaan kan isa eeggatu ta’uu ibsanii, kana dhugoomsuuf ammoo aadaan hojii cimaa akka barbaachisu hubachiisan.
Leenjiiwwan teekinikaafi ogummaa rakkoolee kan furan akka ta’aniif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa dargaggoota hojiilee kalaqaa haaraa qaban jajjabeessuuf baajata ramaduun hojjechaa akka jiruufi bu’aanis argamaa jiraachuu eeraniiru.
Misooma kooriidarii dabalatee hojiilee misoomaa bulchiinsa magaalichaatti hojjetamaa jiran keessatti galteewwan bu’aa teekinikaafi ogummaa tajaajilarra ooluu ibsaniiru.
Eebbifamtoonni barnootaan dabalataan hojiirrattis ogummaa isaanii guddisuun biyyarra darbee sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf tattaafachuufi hojjechuu akka qaban dhaaman.
Bulchiinsi magaalichaas qulqullina dabaluufi damicha ceesisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Taammiraat Dalaliitu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.