Kantiibaa Adaanech Manneen Tajaajila Tola Ooltummaan ijaaraman dabarsanii kennan
Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen manneen Tajaajila Tola ooltummaa gannaan ijaaraman kuma 1 fi 671 dabarsanii kennaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen manneen kanneen, namoota biyyaaf oolmaa gaarii oolan, qaama miidhamtoota, lammiilee rakkoolee hawaasummaaf saaxilaman akkasumas lammiilee sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irratti argamanii fi balaa qarqara laggeeniif saaxilamoo ta’aniif kennuu ibsaniiru.
Ijaarsi manneen kanneenii waloomaa fi ollummaa kan cimsan, bakka tapha daa’immanii, bakka sochiileen Ispoortii itti gaggeeffamanii fi akkaataa kabaja ilma namaaf maluun akka jiraatan kan dandeessisu bakka qulqulla’aa fi mijataa ta’uu eeraniiru.
Aadde Adaanech hojii gaarii kana beekumsa, qabeenyaafi humnaan kan deeggaran abbootii qabeenyaa fi hoggantoota haalota mijjeessan hunda galateeffachuu Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.