Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa meedaaliyaa warqee malee xumurte
Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyootti gaggeeffame meedaaliyaa warqee tokkooyuu osoo hin argatin xumurte.
Fiigicha meetira kuma 5 har’a Atileetoota dhiiraa gidduutti gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa hin milkoofne.
Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan Atileet Biiniyaam Mahaariin sadarkaa 5ffaa fi Hagos Gabrahiwaat sadarkaa 13ffaa bahuun xumuran.
Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Meetii fi Nahaasii 2 waliigala meedaaliyaa 4 qofa argachuun Addunyaarraa sadarkaa 21ffaarra jirti.
Qabxii hanga ammaatti jiruun Ameerikaan sadarkaa 1ffaa, Keeniyaan sadarkaa 2ffaa fi Kaanaadaan sadarkaa 3ffaan qabataniiru.
#Oromia #Ethiopia