Hidhi Haaromsaa gaabbii baroottanii Itiyoophiyaanotaa kan deebiseedha- Kantiibaa Kadir Juhaar
Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Dirre Dhawaa obbo Kadir Juhaar Hidhi Haaromsaa gaabbii baroottanii Itiyoophiyaanotaa kan deebiseedha jedhan.
Eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffameera.
Obbo Kadir Juhaar wayita kana akka jedhanitti, Hidhi Haaromsaa Adwaa lammaffaa tumsaafi tokkummaa Itiyoophiyaanota hundaan kan dhugoomedha.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa biyyoota Afrikaaf birmadummaa diinagdee mirkaneessuun akka danda’amu kan agarsiise ta’uus eeraniiru.
Tumsi Itiyoophiyaanotaa Hidhicharratti mul’ate pirojektiiwwan biyyaalessaa biroo irrattis dabalamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hidhi Haaromsaa waliingahiinsa humna elektirikaa guddisuurra darbee walitti hidhamiinsa humnaa naannawichaa kan cimsu ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.