Siimpooziyeemiin aadaa, Afaanii fi seenaa saba Gaamoo gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Qaama kabaja Ayyaana ‘Yoo Maasqalaa’ Gaamoo kan ta’e Siimpooziyeemiin aadaa, Afaanii fi seenaa saba Gaamoo gaggeeffamaa jira.
Siimpooziyeemiin aadaa, Afaanii fi seenaa saba Gaamoo kun magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.
Siimpooziyeemichi mata duree’Dubushaa fi Dubushaa waggaa nageenyaa fi misooma keenyaaf’ jedhuun kabajamaa jira.
Pireezidaantii naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa, Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii aadde Shawiit Shaankaa fi hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee saganticharratti argamaniiru.
Duudhaa fi aadaa ’Dubushaa fi Dubushaa’ tiksuun dhalootaaf dabarsuurra darbee Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaatti galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu eerame.
Bu’aaleen hojii ogummaa, nyaanni fi dhugaatiin aadaa, uffataalee fi faayawwan, akkasumas hambaaleen seenaa Siimpooziyeemicharratti dhiyaataniiru.
Ibsituu nageenyaa, walummaa fi tokkummaa saba Gaamoo kan ta’e ayyaanni ‘Yoo Maasqalaa’ guyyaa boruu kabajama.
Mastawaal Asaffaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.